Oromoon Jechaa fi Gocha Gantootaan Afaanfajjawuu Hin Qabu!

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Lola PPn uummata Oromoo fi WBO irratti gaggeessaa jirtuun kasaaraa guddaa keessa galuun ifa galaa dha. Injifannoo
WBOn baadiyyaalee Oromiyaa dhuunfachuu fi magaalota qabachuun mooraa diinaa raasaa jira. Haala kanaan diinni
kasaaraa isaa kana ololaan haguuguuf afaan gantootaan dubbataa jiru Oromoon osoo hin alanfatne akka hin liqimsine
hubachiisna.

PPn jaarmaya farra-dimokraasii, kan eenyummaa nafxanyummaan guutame ta’uu moyxannoon ganna sadan darban
keessatti qajeellootti waan mul’atee jiruuf, yerooo ammaa dhugaa kana namni hin hubanne yoo jiraate fayyaa hin qabu. Gantooti PPn uumamaan farra dimokraasii tahuu osuma beekanii abdii hin guutamneen of-sobanii rakkina siyaasaa naannoo kanaa furuuf yaalan uummata keenya wareegama ulfaataaf saaxile, gantootattiammoo waaroo salpinaa itti uffise malee bu’aan irraa argame tokkollee hin jiru.

Addi Bilisummaa Oromoo maalummaa PP hojiidhaan lafa irratti waan beekuuf osoo PPn guutuutti hin diigamiin nagaadhaan waliin hojjetanii rakkoo siyaasaa naannichaaf furmaata waaraa fiduu akka hin dandahamne ibsaa ture. ABO-WBOn dhugaa kana tolchee hubachuudhaan, uummata barsiisee ijaaruu fi hidhachiisuudhaan uummatni akka mirga isaa qabsoodhaan kabajsiifatu taasisuu irratti hojjetaa jira. Galata ABO fi Ummata Oromoo kan mirga ofii kabajsiisuuf gootummaa fi cichoominaan qabsaawee, har’aan tana PPn eenyummaan isaa kan farra-ummataa, dimokiraasii, farra-bilisummaa fi nageenyaa tahe hunda biratti saaxilamee uummatoota hundaan jibbamee tufamuu bira taree, qabsoo uummatootni mirga ofii kabajsiifachuuf geggeessaniin akka hin dandamannetti haleelamee afaan boollaa irra gahee jira.

PPn sadarkaa amma irra gahe kan kufaatii isaa kan hin oolle ta’uu hubachuun fi of dandamachiisuuf diraamaa shiraa
hojjechuuf yaaluu irraa hanga du’ee awwaalamutti hin dhaabbatu. Diraamaa kanas ergamtoota isaa kanneen tahan
miseensota dhaabota kaayyoo isaa ittiin galmaan gahachuuf bifa ofii isaatiin bixxilee fi gantoota sabaa kan garaa isaaniif bulanitti dhimma bahuudhaan seenessuuf tattaafachaa jira.

Gantooti kan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa jiran fakkaatanii, ganna 20 dabraan keessatti mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo marsaa sadiif adda qooduun wal waraansisuun seenaa fokkataa hojjetan, har’as marsaa afraffaaf WBO maqaa gosaan wal waraansisuun yakkaa raawwatuuf karoorfatan jabinaa, cichoomina fi Tokkummaan WBOn dura dhaabbateef fashalee jira.

Bobbaan gantootaa WBO karaa nagaa galchina jedhanii diinaaf waadaa galan, waggaa sadan darbaniif mooraa Qabsoo
Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’an, ammas rakkoo fayyaa jaal Goollicha Dheengee mudate itti dhimma bahuun
miidiyaa irratti ololuuf qophii kan xumuran ta’uu hubatamee jira. Jaal Goollichi Dheengee qabsaawaa gaafagantooti dirree irraa qawwee Oromoo fudhatanii galan didee fi dirree hidhannoo keessatti hafe ture. Booda irra sababa dhukkubaaf kan hojii irra hin turre ta’uu fi dhihoo kanas shira gantootaan dogoggorfamee media irratti bahee akka WBOn miidhaa irraan gahe dubbachuun isaa ni yaadatama.

Dhibee fayyaa Jaal Goollicha mudatetti dhimma bahanii, moonaa impayera Itiyophiyaa gammachiisuuf, seenaa isaa
ammoo gurraachessuun, cubbuu mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi jaal Goollicha irratti raawwataa turan hedduu
dha. Rakkoo gantooti kun uuman obsaan furuuf tattaafatamus itti milkaahuu hanqachuun nama gaddisiisa. Kanaafis
tattaaffii jaarsolii biyyaa, qondaaloota WBO, qaamota ittidhiheenyaanhordoftanii dhugaa jiru hubattanii fi qaaman dirree keessatti argamuun furmaata itti tolchuuf ifaajjitan marti galata guddaa qabdu jenna.

Gidduu kana ammoo PPn namoota WBO diiguuf dirqama fudhatan kanneen akka Abbabaa Garasuu, Hayiluu Gonfaa fi
Bilisummaa Biraanuu gara Keniyatti erguun Waraana Bilisummaa Oromoo fi ‘ABO’ waliin araarsina jedhanii oloola oofaa
jiru. Murnii kun gantoota kana duras dirqama diinaa fudhatanii Waraana Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan,
ammas rakkoo jaal Goollichi qabu itti dhimma bahanii gara Itoophiyaatti galchuun, sana irraa olola tolfachuuf deeman
Oromoon akka dammaqinaan fashalsu dhaammanna.

Namoota akka Abduuba Wariyoo, kan bara jijjiiramaa WBO diiguun Itophiyaatti harka kennachiise fi Galgaloo Dhirrii
bara jijjiiramaa jedhamuu galee; Jaarsoo Aannaa, godina Boorana keessatti qondaala PP ta’uun uummata biraatti seenaa badaa qabuu, kan dargaaggoota Oromoo Hiddii fi Moyyaaleetti fixaa turee; Dabbasoo Quxuu kan ganna 20 oliif Imbaasii Itophiyaa waliin wal-tahuun qabsa’oota Oromoo diinatti gurguruun seenaa fokkataa qabaachaa ture fi Hajii Godaana Kuluu, Jaatii Taadhii, Abbaa Gadaa duraanii Guyyoo Gobbaa fi kkf dabalataani torban darbe keessa gara Naayiroobbitti bobbahuun jaal Goollicha Dheengeef kan quuqaman fakkaachuun maqaa gosatiin mooraa gantootaatti dabaluuf yaalaa turan. Akeekni isaanii akkuma kana dura yaalaa turaan WBOn cabe jira, jaal Goollichi waraana fudhatee karaa nagaa qabsaahuuf gale jedhanii ololaa gaggeessuun,kasaaraa waraanaa fi siyaasaa isaan mudate ofuma sobanii of jajjabeessuuf ta’uu hubatamuu qaba.

Gama biraan ABO-WBOn of dandahee hoggansa dirree irraa kennuu eegaluun, akka heerri cabeetti hogganoota ABO
dirree jiran irratti ololuun, miseensota ABO biyya ambaa keessa jiranii fi WBO gargar fageessuuf olola rakashaa oofaa
jiran qaama shira Goollicha irratti dalagamaa jiruu kan gaggeessan waliin hidhata qaban waan ta’aniif, miseensoti ABO
biyya ambaa keessa jirtan akka irraa of eegdanii fi olola hogganoota ofiin jedhan afarsan akka hin dogoggorre dhammanna. Hogganni ABO hogganuu barbaadu, qabsoo Oromoon dachee Oromiyaa irratti gaggeessu keessatti argamuun hoggana kennuun dandahama. Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuuf Oromiyaa keessatti argamuun qooda ol’aanaa waan qabuuf, namni ABO hogganuuf fedha qabu akka gara dirree qabsootti bobbahee hogganus waamicha dhiheessina. Dabalataan mootummaa fashistii Abiyyitti harka kennachuuf WBO irratti ololuun ulaagaa kamiinuu kan fudhatama hin qabne ta’uu jaalattooti qabsoo bilisummaa Oromoo maraaf ifa goona.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo kufaatiif bu’aa ba’ii hedduu keessaa darbitee as geesse, namoota hedduu of keessaa harcasaa arma jirti. ABO-WBOn akka Qabsoon bilisummaa Oromoo hin diigamneef, yeroo hogganni bara 2017 keessa filame biyyatti galee; kaan hidhamee fi kaan facaa’ee biyya alaatti baqate jiru keessatti, qabsoo kaayyoo ABO qabachuun hoggana kennuuf seenaa qabsootu nu dirqe. Jaallan dirree irraa gootummaan qabsoo bilisummaa Oromoo hoggananii sadarkaa kanaan gahuun kan qabsaawota dirree keessaa sosso’an kan galateeffachiisu malee kan irratti olola bansiisu hin turre. Rakkoo dhuunfaa Jaal Goollichi qabuu itti dhimma bahuun qabsoo sabaa gufachiisuuf itti dhimma bahuun kan naamusa namummaa hin hordofne dha.

Namooti hagoon hogganoota ABO-WBO irratti olola oofaa jiran fi kan akka badhaasaatti PP irraa aangoo kajeela jiran
ofii isaaniitiin ofsaaxilaa jiran kan of dura ibsinu ta’a. Haala kanaan waggaa sadan darban gantooti WBOtti bobbaafamuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan irra aanuun, dammaqinsaa fi qaroomina ajajoota ABO-WBOn fashalee jira. Kunsi kora guddaa ABO-WBO irratti hoggana waaltawaa filachuun mirkanaawe. Hogganni haarawaan filames labsii duula Gootota Oromoon moggaafame Hagayya 8, 2021 labsameen milkii fi injifannoo jajjaboo galmeessuun mooraa diinaa fi farreeni yeroo yaaddessu, mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ammoo onnachiisee fi danboobsee jira.

Nuti WBOn dhaloota hari’aa, seenaa fi rakkoo wal-xaxaa ABOn keessa dabarsee irraa barannee, jabna abbootii keenya
qabsaa’oota haqaa maxxafannee, laafina isaanii irraa barachuun jabinatti jijjiiruun, jabina isaanii irraa dhaallee, tokkummaa keenyaa cimsannee, akeeka fi kaayyoo ABO isa ganamaa galmaan ga’uuf murannoo fi kutannoo hojjechaa jiraachuu keenya akka uummanni keenyi, miseensonnii fi jaalattoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo nuuf hubatan barbaadna. Akkasumaas akeekaaf kaayyoo qulqulluu jala hiriirun qooda nurraa eegamuu bahachuu qabna malee, ajandaa diinni fi ergamtoonni diinaa uumata keenyaaf kennan akka hin keessummeessine dhaammanna.

Dhuma irratti, Miidiyaaleen PP olola shiraan guutame WBO irratti lallabamuu jalqabe kanaaf osoo gurra hin kennine
qabsoo ABO-WBOn itti jiru jabeessitan ilmaan Oromoo maraaf waamicha goona. PP waliin rakkoo siyaasaa Oromoo
furuu ykn akka jaarmayaa bilisa ta’anii sosso’uun hin dandahamne Oromoon marti hubachuu qaba. Kanaaf, uummatni
keenya galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Hiree Murteeffannaa isaa harkatti galfatuuf ciminaa fi tokkummaadhaan akka
socho’u gadi jabeessinee dhaamna. Uummati keenyi ololaa fi afaanfajjii gantooti Qabsoo Bilisummaa Oromoo qawwee
WBO hatanii diinatti galanii fi maqaa qabsoo karaa nagaa qabsoofna jedhanii uummata keenya dogoggorsu bira darbanii WBO irratti ololan cinaatti dhiisee, galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Abbaa Biyyummaa isaa harkatti galfatuuf duula ABO-WBOn maqaa Goototaa Oromoon moggaase cinaa dhaabbachuun Oromiyaa dhuunfatanii bulchiinsa uummataa diriirfamaa jiru bakkaan gahuuf qooda keessan ciminaa fi tokkummaadhaan bahattan Ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO gad-jabeessee dhaama.

Injifannoo Uummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Fulbaana 20, 2021

Haala Wallagga Bahaa Ilaalchisee

Yeroo ammaa kana haala Wallaga Bahaan wal qabatee dubbiin miidiyaan afaarfamaa jiru dhugaa qabatamaa lafa jiru irraa kan maqe akkasumas bocnii fi qabiyyeen isaa gara dabarfamee kan dhihaataa jiru ta’uun dhimmicha xiyyeeffannoon akka duukaa buunu nu taasisee jira. Sabaa-himaaleenis duula olola qindaa’aa birkiin Waldaa Biyyaalessa Amaaraa [National Association of Amhara-NaMA] biyya alaa babal’ifannaa lafaa milkeeffachuuf hojjetaa jiraniin yogguu afaan faajja’anii balballoomsan arguutti jirra. Taateewwan armaan dura Walloo, Matakkal, Horroo Guduruu fi Wallagga Lixaatti uumamanii turan waliin walqabatees ololli fakkaataan tamsa’aa turuun yaadannoo yeroo dhihooti. Haala Wallaga Bahaatti baatii kana keessa uumamee fi taateen kun itti dhalatuuf shira hojjetamaa turan ifa taasisuu feena.

Jalqabatti, haalli Wallaga Bahaa keessa jiru haalota yeroo darbe keessa Horroo Guduruu fi Wallagga Lixaatti uumamanii turaniin adda adda ta’uu hubachuun barbaachisaa dha. Godinoota kanneenitti, tarkaanfii suukkanneessaan qindoomina milishoota mootummaa fi Humna Addaa Oromiyaatiin dhalattoota Amaaraa irratti fudhatame Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ittiin yakkuuf ture. Mootummaan naannoo Oromiyaa fi mootummaan federalaa Itoophiyaa dhimma Lola Tigraay irratti waan muddamaniif, duulaa fi tarkaanfii bifa jijjiirratee fudhatamu dura dhaabachaa turuun cinaatti tarkaanfileen kunis yoo fudhataman eenyu akka itti gaafatamu akeekaa turre. Ergasii asitti, akkuma duraan baratame, bakkeewwan to’annaa WBO jala jiranitti Amaarotni rakkoo tokko malee nagayumaan jiruu ofii gaggaaffachuutti jiru. Kanaafis, akkuma dursinee himaa turre, sana boodas irra deddeebiin yaadachisuu itti fufuudhaan aantummaa haqaaf qabnu mirkaneessuuf dhaabbileen walabaa dhimmoota kana ilaalchisee qorannoo akka taasisan ni barbaadna- dhugaa qabaachuu keenyas ofitti amanna.

Haala Wallaga Bahaan ilaalchisuun, milishoonni Amaaraa haalaan leenji’an baay’inaan toora sana waggaa darbe irraa eegalee seenuutti jiraachuu isaanii quba qabataa turre. Humnooti kunniin, addatti kutaa Baha Wallaggaa kan magalaa Naqamtee fi Laga Abbayaa 2 (Mootummaa Naannoo Amaaraa kan daangessu) jidduu socho’uutti jiran. Ebla 15, hidhattooti Amaaraa qonnaan bultoota Oromoo Mandara 10 (Lalistuu Angar jedhamu) keessaa ari’anii baasuun midhaan isaaniis ibiddaan barbadeessan. Bal’inni lafa qonnaan bulaa Oromoo fi manoota ibiddaan gubatan ilaalchisee ragaan saatalaayitii irraa argame hektaara 3000 ol ta’uu mul’isa (ragaan kunooti: https://twitter.com/Quen10Tarantino/status/1384417207912906755). Baatiima kana keessa, qindoominuma wal fakkaataan, toora Kaaba Baha Wallaggaa magaalota Agamsaa fi Kiramuu jedhamanitti hidhattoonni Amaaraa waraana saaqanii jiru. Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Wallagga Bahaa fi Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa haalichi rifachiisaa ta’uu isaa ibsa wal fakkaataa Fuula faasbuukii baasaniin gochoota milishoota kanneenii kan balaaleffatan ta’uu ibsanii jiru. ((i) https://www.facebook.com/wdhkm.godinawallaggaabahaa/posts/499574804786826, (ii) https://www.facebook.com/giddaa.ayyaanaa.9/posts/895531644324976). Akka ibsoota kanaatti, milishoonni kunniin lammiilee nagaa dhalattoota ilmaan Oromoo 13 kan ajjeesan ta’uu fi ijaarsota 65 (manneen 47 dabalatee) gubanii jiran. Ibsi kennames milishoonni kunniin “humna finxaaleyyii” hawaasa Amaaraa kenneen yeroo beelli sirna Dargii keessa muudatee ture Baha Wallaggaa qubatan gidduutti jeequmsa uumuun nagaa booressuuf kan socha’an ta’uu hime. Milishoonni kunniin, “Yunifoormii halluu adiitti kala’u” kan uffatanii fi “alaabaa seeraan alaa mallattoo leencaa qabu” qabachuun hawaasota Oromoo fi Amaaraa naannawa sana jiran gidduutti walitti bu’insa qabsiisuuf shira dalagaa akka turan ibsoota laataman keessatti eeramee jira. Waraqaaleen, “Oromoon dachee abbootii keenya Amaaraa gadidhiisaa bahaa” jedhan magaalaa Guttin keessatti kan maxxanfamaa turan ta’uunis eerameetiin jira.

Maddeen keenya akka ibsanitti, milishaan jaraa gariin yunifoormii malee kaan immoo loltoota uffata sirnaa Humna Addaa Amaaraa dimimmisaa ta’e uffatanii socho’u. Bulchiinsi godina Wallagga Bahaa sochii jaraa kan baleeffate yoo ta’u illee, qondaalotni dhimmoota nageenyaa Oromiyaa gochaa jaraa dhaabsisuuf carraaqqiin taasise hin jiru; kunis sababa milishoonni Amaaraa kunniin WBO waliin illee wal dura dhaabatu jedhu. Humnooti nageenyaas tarkaanfii fudhachuu kan eegalan erga milishoonni Amaaraa miseensota Humna Addaa Oromiyaa 4 ajjeesaniin booda. Hawaasa Amaaraa danuu Mandara 10 dabalatee hamma kaaba Kiramuu jiran buqqisan. Milishoonni kunniin sochii isaan daandii guddicha irratti taasisan irraa ari’atamuun hamma jalqaba baatii kanaatti riphanii turan. Jiraataan Kiramuu tokko odeessa BBC (https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-58313687)f himeen, buqqaatonni dhiiraa dubartootaa fi ijoollee isaanii mootummaa naannoo Amaaraa keessa tursiisuun ofii isaanii meeshaalee waraanaa hidhachuun Kiramuu, Agamsaa fi Harootti deebi’an. Akka humnoonni keenya himanitti, hidhattooti Amaaraa isaan dhiirota ta’an bifa ummataan uffachuudhaan laga Abbayyaa qaxxaamuruun gaafa Hagayya 13 3 Kiramuu, Siree Dooroo, Agamsaa fi Amuruu seenani – kunis Humni Addaa Oromiyaa naannoo sana gadi dhiisanii akkuma deemaniin guyyaa tokko erga bulaniin booddee dha. Hidhattoonni Amaaraa kunsi guyyuma eerame kana Kiramuu kan seenan ta’uu namni ijaan arge tokko BBC’f illee dhugoomsee jira. Erga guyyaa sanaatii asitti sochii ho’aa naannoo sanatti taasisaa jiru; namoota manneen isaanii irraa baasanii ari’atu akkasumas manneen ni gubu. Fakkeenyaaf, Lalistuu Somboo (Kiramuu cinaa) keessatti manneen namoota 18tii maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffamee fi namoota lama ammatti maqaan isaanii hin baramiin guban.

1) Guddataa Jabeessaa
2) Gammachuu Jabeessaa
3) Fiqaaduu Gammachuu
4) Faqqadaa Gammachuu
5) Shaggaa Gammachuu
6) Baabbee Gabulee
7) Dammashaa Girshoo
9) Lammii Jabeessaa
10) Waaqooo Jabeessaa
11) Katamaa Jabeessaa
12) Badhasaa Nagarii
13) Bukkuu Galataa
14) Margaa Abbuyee
15) Tamasgeen Abbuyee
16) Hordofaa Abbuyee fi namooti maqaan isaanii hin gaabaafamne lammiilee milishoota Amaaraa jedhamaniin manneen isaanii fi qee’een isaanii jalaa gubate dha.

Yeroo humnooti keenya Kiramuu qaqqabanitti, loltoota Amaaraa kanneenitu dhukaasa banuudhaan lolatti hirmaachisan. Hidhaannoon isaanii qawwee AK-47 qofaa osoo hin taane meeshaalee ulfaataa kanneen akka DShK (Diishqaa jedhamuun beekamu) hedduu fi isnaayiperoota Dragunov jedhaman fa’aati. Miidhaa guddaan erga isaan muudatee booda Kiramuu irraa ari’atamanii bahuuf dirqaman. Guyyuma sana, Siree Dooroo keessatti, loltoonni Amaaraa haarawatti kallatti sanatti bobba’an odeeffannoo WBOdhaaf dabarsitu jechuun ilmaan Oromoo 7 morma kutan. Humnoota kana Siree Dooroo, Agamsaa fi Amuruu keessaa baasuuf lola hedduutu seename.

Sochii qindoomina qabu wal fakkaatuun, gama kibbaatiin Ukkee Qarsaa fi Horroo Alaltuutti, miseensota Humna Addaa Amaaraa yuniformii waraanaa uffatan humnoota federaalaa waliin wal cinaa hiriiruun WBOn wal haadhanii jiran. Lola sanaan boodatti, dargaggoota 4 Ukkee Qarsaa akka malee dhaanuun, 3 ajjeesani. Humnooti federaalaa hidhattoota kana waliin hiriiruun, bifuma Ebla darbe keessa Mandara 10tti uumameen wal qabetee humna federaalaa fi Humna Addaa Oromiyaa jidduutti dhibdee kan uume ta’uu hubanne. Humnooti keenyas milishaa Amaaraa akka haarawaatti naannawa sanatti bobbaafamuun manneen jireenyaa dhalattoota Oromoo irratti gubuudhaan dachee sana irraa akka godaananiif doorsisaa turan waliin irra deddeebbiin lolatti seenanii jiru. Hamma ammaatti manneen dhibba tokkoo ol ta’an gubatanii jiru. Loltoonni kunniin haalaan kan hidhatan, sirriitti kan leenji’anii fi akeeka ifa ta’e hordofuun hawaasa Amaaraa nagayaan Wallagga Bahaa keessa jiraatan dammaqsuun ifatti wal waraansa ummataa fakkeessuuf tattaafatan. Milishaan kunniin yunifoormii waraanaa malee socho’an hawaasa Amaaraa jaarraa tokko guutuu ta’uuf ummata keenya waliin wal cinaa jiraataa ture fakkaachuun lolatti kan seenan yoo ta’an illee humnooti keenya of eeggannoo guddaa taasisuudhaan bifa lammiileen nagayaan hin miidhamnetti dirqama ofii gahumsa ol’aanaan raawwataa turan.

Haa ta’u malee, murni olultuun diyaaspooraa gartuun NaMa bobbaasanii fi akeeka babal’ifannaa lafaa Mootummaa Naannoo Amaaraa dahata taasifateen socho’an ajandaa siyaasaa isaanii galmaan gahuuf seenessa sobaa yogguu balballoomsan arguutti jirra. Sababa kanaaf, wantoonni yeroo ammaa kana sabaa-himaaleen afaarfamaa jiranii fi dhugaan lafarra jiru waliif faallaa dha. Miidhaa milishaa Amaaraa irra gahe cinaatti qabuudhaan, akka waan WBOn jiraattota ilmaan Amaaraa fayyaaleyyii irraan qaaxxee geessise jechuun itti yaadanii olola dhiheessuutti jiran. Dhaabbatni sabaa-himaa amanamaadha jedhamee fudhatamu akka Deutsche Welle (Jarman) Sagantaa Amaariffaatiin olola kana tamsaasuun akka qabatamaa ta’etti himuun mufii fi yaaddoo kan uumuudha. Dhukaasa wal jijjiruutti turame keessatti lubbuun namoota nagaa darbee jira yoo ta’e, gaafatama isaa fudhachuuf qophii ta’uu keenya himuun tarkaanfiin seeraas akka fudhatamu kan mirkaneessinu ta’uu ibsina. Qorannoon walabaa Mootummoota Gamtoomaniin yokaan qaama sadaffaatiin akka adeemsifamu ammas irra deebinee yaamicha keenya kan dabarsinu ta’uu fi dhugaanis bifuma salphaan akka dabuu danda’u; addnuyaanis hubannoo akka itti argatu dhaamuu feena.

Dabalataan, yeroo ammaa kana haalli Wallagga Bahaatti uumamaa jiru taateewwan Oromiyaa bakkeewwan garagaraa keessatti uumamaa jiraniin adda akka hin taane hubachiisuu feena; humnooti nageenyaa mootummaa Amaaraa gama kaaba-bahaa Oromiyaatiin daangaa qaxxaamuranii Fantaallee fi Karrayyuu irratti weerara lafaa bananii jiru. Ilmaan Oromoo Karrayyuu fi humnoota nageenyaa Amaaraa gidduuttis lola ulfaataa adeemsifmaa jiruunis dachii Oromiyaa keessa kiiloomeetira danuu dhuunfachuutti jiran. Haala jiruunis, ummati mootummaa naannoo Amaaraa irraa dhufan dachii Oromiyaa dhuunfatamaa jiru kana irra qubsiifamuutti akka jiran hubannee jirra. Kunis taateewwan guutummaa biyyattittii uumamaa jiran keessaa tokko ta’uu argaa jirra; finxaaleyyiin, ijaarsa 5 jabaa mootummaa naannoo Amaaraa keessatti walitti qabaman “lafa abbootii ofii” deebifachuu yaada jedhuun humnoota nageenyaa mootummaa nananoo Amaaraatiin deeggaramuun duula taasisuutti jiru. Kunis goolii Tigraay Lixaa, Matakkal, Walloo, fi yeroo ammaa kanas Wallagga Bahaa fi Karrayyuutti argaa jirru geessisee jira. Halli deemuutti jirus naannawichatti jeequmsa mul’atuuf sababa guddaa ta’ee jira. Yogguu humnaa fi haalli mijataan akeeka jaraaf tolu uumamutti, duguuggaan sanyii ulfaataan Tigraay Lixaatti uumamee ture guutuu biyyattii keessatti irra deebi’uuf kan jiru ta’uu arguuf teenya. IttiAanaan Muummicha Ministeeraa Obbo Dammaqee Mokonnin- hogganaa ol’aanaan Paartii Badhaadhinaa Amaaraa mataan isaa- ummatni Amaaraa akka hidhachiifamanii fi akka ijaaraman jechuun waamicha dabarsuu isaan cinaatti Matakkal deemuun wiirtuu leenjiin itti kennamu daawwachuun isaa daran waan yaadatamu qabu dha. (https://addisstandard.com/news-deputy-pm-recommends-arming-civilians-in-metekelbenishangul-gumuz-region-as-spate-of-attacks-by-armed-men-leaves-dozens-killed/). Wallo keessatti, humnooti mootummaa naannoo Amaaraa hawaasa Oromoo irratti waggoota lamaan darban guutuu qaaxxee garagaraa irraan geessisuun walitti bu’insa ummataa bal’aa qabsiisuun ummaticha irraa hidhannoo erga hiiksisanii booda hawaasa Oromoo qonnaan bulaa naannawa sanaa dhuunfachuuf socho’aa turan. (https://www.vice.com/en/article/93ybyy/they-set-everything-on-fire-the-paramilitaryforces-killing-people-theyre-meant-to-protect). Yogguu ambulaansiin ilmaan Oromoo madoo ta’an fe’uudhaan Walloo irraa gara Finfinneetti deemaa turanitti, gurmuun namootaa gara jabinaan miidhamtoota Oromoo konkolaaticha keessa turan hundumaa ajjeesuun isaanii taatee suukkanneessaa dha. (https://addisstandard.com/analysis-horrifyingaccounts-of-violence-in-amhara-region-fed-ombudsman-slams-regional-govt-performancesays-303-killed-so-far/). Egaan, murni ololtuu NaMA olola dharaa bittinsuu kan eegalan yeroo itti qonnaan bultoonni Oromoo ofirraa ittisuu jalqabanitti ture. Murni maqaa hayyoota Amaaraatiin socho’an bifa itti gaafatama hin qabneen lubbuu ilmaan Amaaraa fi Oromoo guyyuun dhabamaa jiruuf mararfannoo dhabuun gochoota badaa kana duuba jiraachuu isaanitu mul’ata. WBOn saba yokaan ummata kamiyyuu akka diinaatti hin fudhatu, ergamni isaa naannawicha cunqursaa sirna nama nyaataa kana irraa baraaruu kan hojjetuu fi sababuma kanafis jecha cichoominaan kan dhaabatu dha.

Hawaasni idil-addunyaa fi sabaa-himaaleen taateewwan kanneen itti gaafatamaan balballoomsuu fi xiyyeeffannoo guddaan duukaa bu’uutu itti jiraata. Bara oduun sobaa fi ololli babal’atan keessa jiraachuutti jirra, bifuma salphaan kiyyoo sobaa gartuuwwan ololtuu kanfaltii mootummaa Itoophiyaa irraa argataniin socho’an (fakkeenyaaf; kanneen akka GLEAN (the Global Ethiopian Advocacy Nexus) fi dhaabbata “Genocide Prevention 6 Ethiopia” fa’aa) keessatti kufuun kijibni isaanii fudhatama akka argatuuf warra hojjetaniif balbala saaquun waan hin malle.

Injifannoon Ummata Oromoo fi Saboota Cunqurfaman Hundaaf!
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Hagayya 25, 2021

Abbaan Irree Tumsa Sabaa fi Sablammootaan Bakkaa Ka’a!

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO dhimma Tumsa humnoota farra abbaa irree Abiy Ahmed ta’an waliin walitti dhufanii marihachuu eegaluu Associated press irratti erga ibsanii booda, ololli sodaa irraa madde aktivistootaa fi media PPn karaa leellistoota nafxanyummaa ifaan yeroo gaggeeffamu, warra ABO-WBO siyaasa keessaa moggeessuun qabsoo Oromoo gara fedhanitti micciruun dantaa dhuunfaa fi fedhii isaanii guuttachuuf dhama’aniin ammoo harka lafa jalaan gaggeeffamaa jira. 

Akeeki tumsa sabootaa kun, sirna abbaa irree Abiy Ahmed diiguun, ergamtoota isaa waliin seeratti dhiheessuun, mirga hiree murteeffannaa saboota mirkaneessuun fi mootummaa waloo kan cehumsaa dhugaa filannoo haqaa fi bilisaa gaggeessuun uummata keessaa hoggana siyaasaa baasu dha. Tumsi yeroo gabaabaa fi dheeraa qaamota siyaasaa gidduutti tolfamu kunqabsoo saba tokkoof gargaara jedhamee yoo amaname, qaamota tumsa sana tolfatuun murtaawa. 

Ololli tumsa kana dura dhaabbachuuf gaggeeffamu murnoota sadiini, isaanis; tokkoffaan, leellistoota nafxanyummaa kan ol’aantummaa Amaaraa kan sabboonummaa sabootaa dhabamsiisuun dhugoosmuuf hojjetaniin; lammaffaan, OPDO duraanii kan amma ergama leellistoota nafxanyummaa fudhatanii raawwachuuf dhama’an fi sadaffaan, kajeeltota qabeenyaa fi aangoo bubuutuu ilaallataniin gaggeeffamaa jira. 

Akeeki olola kanaa; tokkoffaan, milkoomiina tumsa kanaa danquun humnooti siyaasaa kan mirga hiree murteeffannaa sabaa fi sablammootaa fudhatan akka hin milkoofne tolchuu dha. Haala kanaan, abbaa irree Abiy Ahmed aangoo irra tursuun gidiraa uummattoota irratti dheeressuu ta’a. Leellistooti nafxanyummaa bara dhibbaa fi shantamaa oliif eenyummaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo dhabamsiisuuf dhama’an, kan har’as Oromummaa dhabamsiisuuf wixxifataa jiraniif faallaa ilaalcha siyaasaa isaanii waan ta’eef dura dhaabbatu. Lammaffaan, yakkoota Oromiyaa, Benshangul, Tigray, Walayita, Qimant, Sidama fi kkf keessatti raawwatan haguuganii yakkamtoonni akka seeratti hin dhiyaanne danquufi.

Yakkooti waggoota 30 darban Oromiyaa keessatti raawwatameef gaafatamaan jalqabaa OPDO dha. Waggoota 27, akka qaama EPRDFtti ergama kana fudhatee kan Oromoo irratti yakka raawwachaa ture OPDO dha. Kunis, afaan aangawoota OPDOn dhugaa bahaa turan yeroo ta’uu, Abiy Ahimedis ‘shororkeessaan nuyi’ jedhee paarlamaa fuuldura ta’ee dubbachuun, yakkamaa ta’uu isaa ifaan fudhatee jira. Yakkoota wal-fakkaataa fi ulfaatoo baroottan sadan darban keessatti raawwatamaa jirus, itti fufiinsa yakka waggoota 27 keessa dalaganitiif kan ragaa dha. Ammatti Oromoon PP/OPDO caalaa diina hamaa akka hin qabaannee kan mirkaneessu yakkoota baroottan darban sadan keessatti raawwatan dha. 

Baroottan darban sadan keessattis OPDOn maqaa jijjirrachuun leellistoota nafxanyummaa irraa dirqama fudhatanii, Oromummaa dhabamsiisuuf yakka ol’aanaa Oromiyaa keessatti raawwatanii jiru. Uummatni Oromoo Gujii, Wallaggaa fi Shawaa ibiddaa keessa ture, qabeenyi Oromoo, qe’ee fi oyruun Oromoo ibiddaan barbaadaawee fi ciramee jira, dhalli namaa manni itti cufamee ibiddaan gubamee jira, dhalli namaa dhiiraaf dhalaan gudeedamaanii jiru, dhalli namaa dirreetti baafamee otoo uummati ilaaluu rasaasaan reebamee ajjeefamee jira. Baroottan 27 darban keessa Oromoon akka baroottan sadan darbanii bifa sukkaneessaan mana hidhaatii baafamee adda-babayiitti ba’ee rasaasaan reebamee ajjeefame hin turre, ilmi keessan bosona jira jedhamee ifaan maatiin rasaasaan ajjeefame hin turre, dhiirri hin gudeedamne, dhalli namaa manni itti cufamee hin gubanne, qe’een Oromoo ibiddaan gubamaa vidiyoo waraabamee hin facaane, Minilik kaleessaa Oromoo ajjeesuun sirrii dha, biyya ijaaruuf ajjeese, har’as Itiyophiyaa jiraachisuuf isin du’uu qabdu, jedhamee itti hin qoosamne. 

Dabalataan, PP fi leellistooti nafxanyummaa akka gaaffiin siyaasaa Oromoo deebbii hin argannef WBOn shororkeessaa dha, WBOn saba Amaaraa kan Oromiyaa keessa jiraatan irratti sanyii duguuggaa gaggeessa, jechuun olola kijibaa facaasuu irra dabartee waraana guddaa WBOtti bobbaasuun uummata nagaa fixaa turte. Humnooti shiraa kun uummata Oromiyaa Afaan Amaaraa dubbatan lixa Oromiyaa keessa jiraatan ajjeesuun daldala siyaasaaf oofachuuf akka WBOn ajjeechaa sabaa irratti qiyyaafatetti ololaa turan. Erga lolli Tigray keessatti jabaatee booda garuu, ajjeechaa maqaa saba Amaaraa jedhuun Oromiyaa keessatti gaggeeffamun dhagahamaa hin jiru. Kunis, ajjeechaa kana kan gaggeessaa turan warra har’a gara Tigrayitti bobbaafaman akka ta’e ragaa dha. 

Warri yakka Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ture argaa fi dhagahaa haqa uummataa dubbachuuf sodaadhaan afaan cuqqaallatee ture, amma afaan banachuun tumsa kana mormuun guddoo nama hin aja’ibu. Warri kun marti beekaas ta’e wallaalaan ajandaa nafxanyummaa bakkaan gahuuf yakka maqaa Itiyophiyaatiin Oromoo fi saboota biroo irratti gaggeeffamaa jiru haguuguun, gaafatamummaa keessaa bahuuf wixxifatu. Tumsi kun dhugoomuun, Abbaa irree Abiy Ahmed burkuteessee yakkamtoota hunda waan seeraatti dhiheessuuf shororkaa keessa seenanii jiru.

Bara aangoon siyaasaa harka PP jiru keessatti mormitooti siyaasaa tumsa siyaasaa ABO-WBO fi TDF morman, akeeki isaanii ergamaa leellistoota nafxanyummaa fudhatanii fiiguu irra adda baafamee hin ilaalaman. Tumsa TDF fi ABO-WBO gidduu ta’uuf deemu dura dhaabbachuuf ololuun, takkaawuu siyaasaa wallaaluu irraa ykn ammoo ‘yoon ani du’e coqorsi hin biqiliin’ harreen jette sana irraa akka madduu beekamuu qaba.  

OPDOn akka TPLFn tolfamtee akeeka EPRDF galmaan gahuuf bobbaafamte shakkiin hin jiru. OPDOn tolchaa ishee waliin wal-lolte, tolchaa ishee hadheessuu fi dhabamsiisuuf yaaltee of ajjeesaa jirti. ABO-WBOn garuu, kaayyoo sabni Oromoo qabu galmaan gahuuf jaarmiyaa dhiigaa fi lafeen ijaarame dha.Ergamtooti gooftaa jijjiirrataa baahan ABO-WBOdhaan gooftaa diinaa yoo jedhan malee ergamtu jechuuf haamilee itti hin qaban. Kanaaf ragaan, ABO-WBOn waggoota 50 darban keessa ibiddaan qoramee, beelaa fi dheebuu keessa darbee, dhiiga isaa dhangalaasee, du’ee qabsoo jiraachisee, haalota zaliilii fi rakkisoo tahaan keessatti akeekaa fi kaayyoo Oromoo qabatee uummata isaaf amanamaa ta’uu mirkaneessaa jira. ABO-WBOn uumamni isaa kaayyoo saba Oromoo galmaan gahuuf malee ergamuuf hin ta’u. Walii galteen saboota gidduutti tolfamuuf deemus kan dantaa sabaa hin sharafne, kan ABO-WBOn abboomamu, kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu saba Oromoo mirkaneessu, kan fedhii fi walqixxummaa sabootaa irratti hundaa’u qabu akka ta’e uummati keenyi akka hubatuu fi olola diinaan akka hin burjaajofne ajajaan ol’aanaa ABO-WBO dhaama. 

Dhuma irratti, tarkaanfiin tumsa siyaasaa fi waraanaa ABO-WBOn saboota cunqurfamoo kan mirga hiree murteeffannaatti amanan waliin taasisuuf haasawaa eegalame kanaan kan rifatee visaa qopheeffachaa jiru yakkamtoota PP dha. Ololli kuniis jibba galma gahumsa qabsoo Oromoo irraa, akkasumaas sodaa abbaan irree aangoo irraa yoo kaafame barri aangoo isaanii waan dhumatuuf akka ta’e hubatamuu qaba. Faashistummaan PP qabsoo ABO-WBOn godhaa jiruu fi tumsa uummattoota waliin toflamuun xumuratti tarkaanfachaa jiraachuu uummati keenyi akka hubatu feena. Ololli diinni fi jaleen diinaa oofaa jiran kamiyyuu kan Qabsoo Oromoof quuqamuu irraa akka hin taane beekamee, Oromoon ABO-WBO waliin tahee biyya isaa irratti abbaa ta’uuf biyya isaa mirkaneeffachuuf naannoo isaadhuunfatee bulchuutti akka seeny waamicha dabarsina. Kanaaf, tumsii sabootaa kan ABO-WBOn keessatti hirmaatu kun tarkaanfii sirrii fi yeroo isaa eeggatee tahuu kan mirkaneessuu wacaa fi boo’icha diinaa fi jalee diinaati! Abbaan irree tumsa sabootaan bakkaa kaafama!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Hagayya 13, 2021

Korri Guddaan ABO-WBO Kan Waraanni Bilisummaa Oromoo Gaggeesse Milkiin Xumuramuu Ajajaa Ol’aanaan ABO-WBO Ibse

Korri guddaan ABO-WBO hogganoota, qondaalotaa fi miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo hirmaachisuun zooniilee Lixaa fi kibbaatti yeroo walfakkaataa tahe ajandaa marii tokko qabaachuun gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, milkii fi injifannoon xumuramuunis gabaafameera.  

Ajandaan marii haala dhimma yeroo kaasuun, kan darbe irratti marii gad fageenyaa gaggeessuun, fuulduree qabsoo bilisummaa Oromoofis kallattii kaahuun yoo goolabamu, qajeelchitoota hegeree qabsoo Oromoos of keessaa filachuun bobbaa duula WBO itti aanuu qindeeffachuuf imaanaa walirra kaawwachuun irree fi gaachana ummata Oromoo kan tahe WBOn milkiin kallattii dhufetti imala eegalee jira.   

Hirmaattonni kora guddaa ABO-WBO kan Zoonii lixaa Magaalaa Gimbii jalatti gaggeeffame irratti argamanis WBO Zoonii lixaa godinoota Wallagga arfan, Godina Jimmaa, Godina Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddellee akkasumas Zoonii gidduugaleessaa irraa ajajaa Zoonii dabalatee yoo ta’u, yeroo wal fakkaataatti kora isaa gaggeessaa kan ture Zoonii Kibbaa irraas qondaalonnii fi ajajoonni ol’aanoo ABO-WBO karaa toora bilbilaa hirmaannaa godhuun ibsameera.   

Kora kana irrattis sagalee tokkichaan murtiin darbe, ABO-WBOn dhaaba of dandahe: seera, heeraa fi sagantaa siyaasaa ABO isa ganamaan kan taliigamu yoo tahu dhaaboleen siyaasaa maqaa ABO jedhuu, seera, heera, sagantaa siyaasaa, alaabaa dhiigaan dhuftee fi asxaa dhaabichaa kan ganamaa akka barbaadanitti jijijjiiraa daldala siyaasaa godhatanii ummata burjaajessan martuu kan seeraa fi seenaan gaafataman tahuu hubachuun gochaa isaanii aduun itti dhiite kana irraa akka dhaabbatanis akeekkachiiseera.  

ABOn jiru dhaaba tokkicha kan waraana bilisummaa Oromoo of jalatti goblaa godhatee fi jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa, walabummaa fi birmadummaa Oromiyaa afaan qawween kabachiisuuf falmaa hadhooftuu gochaa jiru qofaa tahuus ummanni Oromoo akka hubatu korri ABO-WBOn gaggeeffame waamicha isaa dabarseera.   Kan kana irraa hafe dhaabni kamuu maqaa ABO jedhuun adeemu hundi gufuu, burjaajii fi walqoqqoodinsa hawaasa bal’aa keessatti umuuf yoo tahe irraa kan hafe qabsoo Oromoo taakkuu tokkollee gara rarraga bilisummaatti kan hin bunne tahuun beekamadha, kana duras mul’atee darbeera.  

Dhaloonni har’a kaayyoo fi akeeka ABO kan ganamaa galii godhachuun socho’aa jiru, waraanni bilisummaa Oromoos, daandii dhugaa sanarra hiriiruun saba Oromoo gara mirga boortaan dhorkame akka boortaan deeffatuutti geessuuf wal’aansoo isa dhumaaf onnee fi hamilee guutuun of qopheessee murtii keessa deebii hin qabneen kora isaa jalqabaa injifannoon guduunfateera. Humni diinaa qophii kora kanaa irraa eegalee hanga xumura isaatti fashalsuuf irra deddeebiin yaaliin taasises milkii malee qolannaa gooticha waraana bilisummaa Oromoon kallattii lachuu Lixaa fi Kibbatti kolaafameera. WBOn qubsuma diinaa jala taa’ee lolaa kora geggeessee, kora gaggeessaas lolee gootummaa, cichoominaa fi dandeettii qabu diinatti argisiisuufis dhimma itti baheera.  

Xumura irrattis ABO-WBOn ajajootaa fi qondaalota waraanaa dhaabicha kan yeroo kamuu caalaa duratti furgaasuun dhaaba jabaa fedhii dhimma Oromoo kabachiisu taasisa jedhee itti amanu of keessaa filachuun milkiin goolabee miseensonni kora guddicha irratti hirmaataa turan gammachuu isaanii dhiichisaan ibsatanii Galfata qabsoo itti kennamte kudhaammachuun addaan gara kallattii bobbaa ofiitti imalaniiru. 

Bifa kanaanis: korri waraana bilisummaa oromoon gaggeeffame hanga kora ABO itti aanuutti, 

Jaal Marroo Dirribaa ajajaa ol’aanaa ABO-WBO gochuun yoo muudu  

Jaal Gammachuu Abbooyyee ammoo itti aanaa ajajaa ol’aanaa ABO-WBO gochuun filateera. 

Qondaalonni waraanaa sadii koree qaama ajajoota olaanoo ABO tahuun birkiilee adda addaa irratti dabalataan kan muudaman yoo tahu, qaamni ajajoota olaanoo ABO WBOs gurmuu miseensota shanii niqabaata jechuudha.  

Akkasumas Jaal Odaa Tarbii dubbii himaa ABO WBO Idil Addunyaa tahuun akkaatuma duraaniitti hojii isaa akka itti fufus korri guddaa

Dhimmoota ABO WBO ilaallatan irratti dalagaan dalagamu kan birkiilee garaagaraas namoota ajajoonni ABO-WBO qajeelchaniin akka itti fufu kan murtaahe yoo tahu, yoo barbaachisaa tahee argame qofa haala, fafaafi mishooma isaa ilaaluun gara fuulduraatti kan ibsaman akka tahes korri ABO-WBO murteesseera. Kanaan alatti namoonni ofumaan of tolchuun, ofumaan bakka of buusanii dhimma waraana bilisummaa oromoofi hegeree qabsoo oromoo ABO-WBOn durfamtu irratti burjaajii murtoo walmuraa kan qabsoo sabaa sharafu borcan gonkumaa kan ABO-WBO bakka hin buuneefi ejjennaa WBO hin ibsine tahuus asumaan hawaasa keenya bal’aaf mirkaneessuu barbaanna.

ABO-WBOn dhaaba gurmuu jabaa of dandahe naamusa fi sansakkaa loltuun bilisummaa ittiin masakamuun kan iccitiin qabsoo gaggeessu malee dhaaba keessaa fi diidasaa Kara deemaan hundi seenee laaqu miti. Qabsoon Oromoo dirree jirti, qabsaahaanis Oromiyaa keessa jira. Waan ta’eefuu warri wareegama qabsoon feetu kanfalee dungoo tahuun wanjoo gabrummaa jalaa saba bilisa baasuuf fedhii qabu hunduu:

1. Haala garaa garaan warri waraana bilisummaa Oromoo keessaa of moggeessitan,

2. Akkasumas warri biyyoota Ambaa teessanii qabsoo hogganuu feetan akka Jaarrolii Tigraayi warra hokkootti rarra’aa dirreetti argamee saba isaaniif kallattii kennaa jiruutti koottaattii dirree keessatti argamaa qabsoo bilisummaa Saba keessaniif gumaacha feesisu darbees aarsa barbaadamu kanfaluun hegeree ummata Oromoo irratti murtii darbu keessaa qooda qabaadhaa jechuun WBOn dirree qabsootti akka argamtan waamicha isiniif dabarsa.

3. Ummanni Oromoo bal’aan baroottan darban hedduu roorroo gabrummaa hadhooftuu mirga namummaa akka namaatti namni qabaatuu qabullee dhabuun akka bineensa daggalaatti qehee of irratti adamfamaa jiraattan, gidiraa akkanaa jala bahuuf wal’aansoo ishee xumuraa waraana bilisummaa Oromoo cinaa dhaabbachuun irree cunqursaa yeroo isa dhumaaf cabsuuf falmii akka finiinsitan ABOn waamicha isniif taasiseera.

4. Qeerroon bilisummaa oromoo akkuma kanaan dura itti jirtan ammas dachaan jabinaan of gurmeessuun bakka WBOn diina lolu mataatti diina irraa hiikkattanii of hidhachiisuun falmii cunqursaan kokkee walqabaa jirtanii cimsitanii akka itti fuftan ABOn dhaamsa isniif dabarsa.

Dalagaan qabsoo eegalle takkaa dhaabbattee hin beektu borus hin dhaabbattu; itti wareegamnee ykn galmaan geenyeetu goolabamti.

Kora Guddaa ABO/WBO

Adoolessa 25/2021

IUOf!