Haala Wallagga Bahaa Ilaalchisee

Yeroo ammaa kana haala Wallaga Bahaan wal qabatee dubbiin miidiyaan afaarfamaa jiru dhugaa qabatamaa lafa jiru irraa kan maqe akkasumas bocnii fi qabiyyeen isaa gara dabarfamee kan dhihaataa jiru ta’uun dhimmicha xiyyeeffannoon akka duukaa buunu nu taasisee jira. Sabaa-himaaleenis duula olola qindaa’aa birkiin Waldaa Biyyaalessa Amaaraa [National Association of Amhara-NaMA] biyya alaa babal’ifannaa lafaa milkeeffachuuf hojjetaa jiraniin yogguu afaan faajja’anii balballoomsan arguutti jirra. Taateewwan armaan dura Walloo, Matakkal, Horroo Guduruu fi Wallagga Lixaatti uumamanii turan waliin walqabatees ololli fakkaataan tamsa’aa turuun yaadannoo yeroo dhihooti. Haala Wallaga Bahaatti baatii kana keessa uumamee fi taateen kun itti dhalatuuf shira hojjetamaa turan ifa taasisuu feena.

Jalqabatti, haalli Wallaga Bahaa keessa jiru haalota yeroo darbe keessa Horroo Guduruu fi Wallagga Lixaatti uumamanii turaniin adda adda ta’uu hubachuun barbaachisaa dha. Godinoota kanneenitti, tarkaanfii suukkanneessaan qindoomina milishoota mootummaa fi Humna Addaa Oromiyaatiin dhalattoota Amaaraa irratti fudhatame Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ittiin yakkuuf ture. Mootummaan naannoo Oromiyaa fi mootummaan federalaa Itoophiyaa dhimma Lola Tigraay irratti waan muddamaniif, duulaa fi tarkaanfii bifa jijjiirratee fudhatamu dura dhaabachaa turuun cinaatti tarkaanfileen kunis yoo fudhataman eenyu akka itti gaafatamu akeekaa turre. Ergasii asitti, akkuma duraan baratame, bakkeewwan to’annaa WBO jala jiranitti Amaarotni rakkoo tokko malee nagayumaan jiruu ofii gaggaaffachuutti jiru. Kanaafis, akkuma dursinee himaa turre, sana boodas irra deddeebiin yaadachisuu itti fufuudhaan aantummaa haqaaf qabnu mirkaneessuuf dhaabbileen walabaa dhimmoota kana ilaalchisee qorannoo akka taasisan ni barbaadna- dhugaa qabaachuu keenyas ofitti amanna.

Haala Wallaga Bahaan ilaalchisuun, milishoonni Amaaraa haalaan leenji’an baay’inaan toora sana waggaa darbe irraa eegalee seenuutti jiraachuu isaanii quba qabataa turre. Humnooti kunniin, addatti kutaa Baha Wallaggaa kan magalaa Naqamtee fi Laga Abbayaa 2 (Mootummaa Naannoo Amaaraa kan daangessu) jidduu socho’uutti jiran. Ebla 15, hidhattooti Amaaraa qonnaan bultoota Oromoo Mandara 10 (Lalistuu Angar jedhamu) keessaa ari’anii baasuun midhaan isaaniis ibiddaan barbadeessan. Bal’inni lafa qonnaan bulaa Oromoo fi manoota ibiddaan gubatan ilaalchisee ragaan saatalaayitii irraa argame hektaara 3000 ol ta’uu mul’isa (ragaan kunooti: https://twitter.com/Quen10Tarantino/status/1384417207912906755). Baatiima kana keessa, qindoominuma wal fakkaataan, toora Kaaba Baha Wallaggaa magaalota Agamsaa fi Kiramuu jedhamanitti hidhattoonni Amaaraa waraana saaqanii jiru. Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Wallagga Bahaa fi Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa haalichi rifachiisaa ta’uu isaa ibsa wal fakkaataa Fuula faasbuukii baasaniin gochoota milishoota kanneenii kan balaaleffatan ta’uu ibsanii jiru. ((i) https://www.facebook.com/wdhkm.godinawallaggaabahaa/posts/499574804786826, (ii) https://www.facebook.com/giddaa.ayyaanaa.9/posts/895531644324976). Akka ibsoota kanaatti, milishoonni kunniin lammiilee nagaa dhalattoota ilmaan Oromoo 13 kan ajjeesan ta’uu fi ijaarsota 65 (manneen 47 dabalatee) gubanii jiran. Ibsi kennames milishoonni kunniin “humna finxaaleyyii” hawaasa Amaaraa kenneen yeroo beelli sirna Dargii keessa muudatee ture Baha Wallaggaa qubatan gidduutti jeequmsa uumuun nagaa booressuuf kan socha’an ta’uu hime. Milishoonni kunniin, “Yunifoormii halluu adiitti kala’u” kan uffatanii fi “alaabaa seeraan alaa mallattoo leencaa qabu” qabachuun hawaasota Oromoo fi Amaaraa naannawa sana jiran gidduutti walitti bu’insa qabsiisuuf shira dalagaa akka turan ibsoota laataman keessatti eeramee jira. Waraqaaleen, “Oromoon dachee abbootii keenya Amaaraa gadidhiisaa bahaa” jedhan magaalaa Guttin keessatti kan maxxanfamaa turan ta’uunis eerameetiin jira.

Maddeen keenya akka ibsanitti, milishaan jaraa gariin yunifoormii malee kaan immoo loltoota uffata sirnaa Humna Addaa Amaaraa dimimmisaa ta’e uffatanii socho’u. Bulchiinsi godina Wallagga Bahaa sochii jaraa kan baleeffate yoo ta’u illee, qondaalotni dhimmoota nageenyaa Oromiyaa gochaa jaraa dhaabsisuuf carraaqqiin taasise hin jiru; kunis sababa milishoonni Amaaraa kunniin WBO waliin illee wal dura dhaabatu jedhu. Humnooti nageenyaas tarkaanfii fudhachuu kan eegalan erga milishoonni Amaaraa miseensota Humna Addaa Oromiyaa 4 ajjeesaniin booda. Hawaasa Amaaraa danuu Mandara 10 dabalatee hamma kaaba Kiramuu jiran buqqisan. Milishoonni kunniin sochii isaan daandii guddicha irratti taasisan irraa ari’atamuun hamma jalqaba baatii kanaatti riphanii turan. Jiraataan Kiramuu tokko odeessa BBC (https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-58313687)f himeen, buqqaatonni dhiiraa dubartootaa fi ijoollee isaanii mootummaa naannoo Amaaraa keessa tursiisuun ofii isaanii meeshaalee waraanaa hidhachuun Kiramuu, Agamsaa fi Harootti deebi’an. Akka humnoonni keenya himanitti, hidhattooti Amaaraa isaan dhiirota ta’an bifa ummataan uffachuudhaan laga Abbayyaa qaxxaamuruun gaafa Hagayya 13 3 Kiramuu, Siree Dooroo, Agamsaa fi Amuruu seenani – kunis Humni Addaa Oromiyaa naannoo sana gadi dhiisanii akkuma deemaniin guyyaa tokko erga bulaniin booddee dha. Hidhattoonni Amaaraa kunsi guyyuma eerame kana Kiramuu kan seenan ta’uu namni ijaan arge tokko BBC’f illee dhugoomsee jira. Erga guyyaa sanaatii asitti sochii ho’aa naannoo sanatti taasisaa jiru; namoota manneen isaanii irraa baasanii ari’atu akkasumas manneen ni gubu. Fakkeenyaaf, Lalistuu Somboo (Kiramuu cinaa) keessatti manneen namoota 18tii maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffamee fi namoota lama ammatti maqaan isaanii hin baramiin guban.

1) Guddataa Jabeessaa
2) Gammachuu Jabeessaa
3) Fiqaaduu Gammachuu
4) Faqqadaa Gammachuu
5) Shaggaa Gammachuu
6) Baabbee Gabulee
7) Dammashaa Girshoo
9) Lammii Jabeessaa
10) Waaqooo Jabeessaa
11) Katamaa Jabeessaa
12) Badhasaa Nagarii
13) Bukkuu Galataa
14) Margaa Abbuyee
15) Tamasgeen Abbuyee
16) Hordofaa Abbuyee fi namooti maqaan isaanii hin gaabaafamne lammiilee milishoota Amaaraa jedhamaniin manneen isaanii fi qee’een isaanii jalaa gubate dha.

Yeroo humnooti keenya Kiramuu qaqqabanitti, loltoota Amaaraa kanneenitu dhukaasa banuudhaan lolatti hirmaachisan. Hidhaannoon isaanii qawwee AK-47 qofaa osoo hin taane meeshaalee ulfaataa kanneen akka DShK (Diishqaa jedhamuun beekamu) hedduu fi isnaayiperoota Dragunov jedhaman fa’aati. Miidhaa guddaan erga isaan muudatee booda Kiramuu irraa ari’atamanii bahuuf dirqaman. Guyyuma sana, Siree Dooroo keessatti, loltoonni Amaaraa haarawatti kallatti sanatti bobba’an odeeffannoo WBOdhaaf dabarsitu jechuun ilmaan Oromoo 7 morma kutan. Humnoota kana Siree Dooroo, Agamsaa fi Amuruu keessaa baasuuf lola hedduutu seename.

Sochii qindoomina qabu wal fakkaatuun, gama kibbaatiin Ukkee Qarsaa fi Horroo Alaltuutti, miseensota Humna Addaa Amaaraa yuniformii waraanaa uffatan humnoota federaalaa waliin wal cinaa hiriiruun WBOn wal haadhanii jiran. Lola sanaan boodatti, dargaggoota 4 Ukkee Qarsaa akka malee dhaanuun, 3 ajjeesani. Humnooti federaalaa hidhattoota kana waliin hiriiruun, bifuma Ebla darbe keessa Mandara 10tti uumameen wal qabetee humna federaalaa fi Humna Addaa Oromiyaa jidduutti dhibdee kan uume ta’uu hubanne. Humnooti keenyas milishaa Amaaraa akka haarawaatti naannawa sanatti bobbaafamuun manneen jireenyaa dhalattoota Oromoo irratti gubuudhaan dachee sana irraa akka godaananiif doorsisaa turan waliin irra deddeebbiin lolatti seenanii jiru. Hamma ammaatti manneen dhibba tokkoo ol ta’an gubatanii jiru. Loltoonni kunniin haalaan kan hidhatan, sirriitti kan leenji’anii fi akeeka ifa ta’e hordofuun hawaasa Amaaraa nagayaan Wallagga Bahaa keessa jiraatan dammaqsuun ifatti wal waraansa ummataa fakkeessuuf tattaafatan. Milishaan kunniin yunifoormii waraanaa malee socho’an hawaasa Amaaraa jaarraa tokko guutuu ta’uuf ummata keenya waliin wal cinaa jiraataa ture fakkaachuun lolatti kan seenan yoo ta’an illee humnooti keenya of eeggannoo guddaa taasisuudhaan bifa lammiileen nagayaan hin miidhamnetti dirqama ofii gahumsa ol’aanaan raawwataa turan.

Haa ta’u malee, murni olultuun diyaaspooraa gartuun NaMa bobbaasanii fi akeeka babal’ifannaa lafaa Mootummaa Naannoo Amaaraa dahata taasifateen socho’an ajandaa siyaasaa isaanii galmaan gahuuf seenessa sobaa yogguu balballoomsan arguutti jirra. Sababa kanaaf, wantoonni yeroo ammaa kana sabaa-himaaleen afaarfamaa jiranii fi dhugaan lafarra jiru waliif faallaa dha. Miidhaa milishaa Amaaraa irra gahe cinaatti qabuudhaan, akka waan WBOn jiraattota ilmaan Amaaraa fayyaaleyyii irraan qaaxxee geessise jechuun itti yaadanii olola dhiheessuutti jiran. Dhaabbatni sabaa-himaa amanamaadha jedhamee fudhatamu akka Deutsche Welle (Jarman) Sagantaa Amaariffaatiin olola kana tamsaasuun akka qabatamaa ta’etti himuun mufii fi yaaddoo kan uumuudha. Dhukaasa wal jijjiruutti turame keessatti lubbuun namoota nagaa darbee jira yoo ta’e, gaafatama isaa fudhachuuf qophii ta’uu keenya himuun tarkaanfiin seeraas akka fudhatamu kan mirkaneessinu ta’uu ibsina. Qorannoon walabaa Mootummoota Gamtoomaniin yokaan qaama sadaffaatiin akka adeemsifamu ammas irra deebinee yaamicha keenya kan dabarsinu ta’uu fi dhugaanis bifuma salphaan akka dabuu danda’u; addnuyaanis hubannoo akka itti argatu dhaamuu feena.

Dabalataan, yeroo ammaa kana haalli Wallagga Bahaatti uumamaa jiru taateewwan Oromiyaa bakkeewwan garagaraa keessatti uumamaa jiraniin adda akka hin taane hubachiisuu feena; humnooti nageenyaa mootummaa Amaaraa gama kaaba-bahaa Oromiyaatiin daangaa qaxxaamuranii Fantaallee fi Karrayyuu irratti weerara lafaa bananii jiru. Ilmaan Oromoo Karrayyuu fi humnoota nageenyaa Amaaraa gidduuttis lola ulfaataa adeemsifmaa jiruunis dachii Oromiyaa keessa kiiloomeetira danuu dhuunfachuutti jiran. Haala jiruunis, ummati mootummaa naannoo Amaaraa irraa dhufan dachii Oromiyaa dhuunfatamaa jiru kana irra qubsiifamuutti akka jiran hubannee jirra. Kunis taateewwan guutummaa biyyattittii uumamaa jiran keessaa tokko ta’uu argaa jirra; finxaaleyyiin, ijaarsa 5 jabaa mootummaa naannoo Amaaraa keessatti walitti qabaman “lafa abbootii ofii” deebifachuu yaada jedhuun humnoota nageenyaa mootummaa nananoo Amaaraatiin deeggaramuun duula taasisuutti jiru. Kunis goolii Tigraay Lixaa, Matakkal, Walloo, fi yeroo ammaa kanas Wallagga Bahaa fi Karrayyuutti argaa jirru geessisee jira. Halli deemuutti jirus naannawichatti jeequmsa mul’atuuf sababa guddaa ta’ee jira. Yogguu humnaa fi haalli mijataan akeeka jaraaf tolu uumamutti, duguuggaan sanyii ulfaataan Tigraay Lixaatti uumamee ture guutuu biyyattii keessatti irra deebi’uuf kan jiru ta’uu arguuf teenya. IttiAanaan Muummicha Ministeeraa Obbo Dammaqee Mokonnin- hogganaa ol’aanaan Paartii Badhaadhinaa Amaaraa mataan isaa- ummatni Amaaraa akka hidhachiifamanii fi akka ijaaraman jechuun waamicha dabarsuu isaan cinaatti Matakkal deemuun wiirtuu leenjiin itti kennamu daawwachuun isaa daran waan yaadatamu qabu dha. (https://addisstandard.com/news-deputy-pm-recommends-arming-civilians-in-metekelbenishangul-gumuz-region-as-spate-of-attacks-by-armed-men-leaves-dozens-killed/). Wallo keessatti, humnooti mootummaa naannoo Amaaraa hawaasa Oromoo irratti waggoota lamaan darban guutuu qaaxxee garagaraa irraan geessisuun walitti bu’insa ummataa bal’aa qabsiisuun ummaticha irraa hidhannoo erga hiiksisanii booda hawaasa Oromoo qonnaan bulaa naannawa sanaa dhuunfachuuf socho’aa turan. (https://www.vice.com/en/article/93ybyy/they-set-everything-on-fire-the-paramilitaryforces-killing-people-theyre-meant-to-protect). Yogguu ambulaansiin ilmaan Oromoo madoo ta’an fe’uudhaan Walloo irraa gara Finfinneetti deemaa turanitti, gurmuun namootaa gara jabinaan miidhamtoota Oromoo konkolaaticha keessa turan hundumaa ajjeesuun isaanii taatee suukkanneessaa dha. (https://addisstandard.com/analysis-horrifyingaccounts-of-violence-in-amhara-region-fed-ombudsman-slams-regional-govt-performancesays-303-killed-so-far/). Egaan, murni ololtuu NaMA olola dharaa bittinsuu kan eegalan yeroo itti qonnaan bultoonni Oromoo ofirraa ittisuu jalqabanitti ture. Murni maqaa hayyoota Amaaraatiin socho’an bifa itti gaafatama hin qabneen lubbuu ilmaan Amaaraa fi Oromoo guyyuun dhabamaa jiruuf mararfannoo dhabuun gochoota badaa kana duuba jiraachuu isaanitu mul’ata. WBOn saba yokaan ummata kamiyyuu akka diinaatti hin fudhatu, ergamni isaa naannawicha cunqursaa sirna nama nyaataa kana irraa baraaruu kan hojjetuu fi sababuma kanafis jecha cichoominaan kan dhaabatu dha.

Hawaasni idil-addunyaa fi sabaa-himaaleen taateewwan kanneen itti gaafatamaan balballoomsuu fi xiyyeeffannoo guddaan duukaa bu’uutu itti jiraata. Bara oduun sobaa fi ololli babal’atan keessa jiraachuutti jirra, bifuma salphaan kiyyoo sobaa gartuuwwan ololtuu kanfaltii mootummaa Itoophiyaa irraa argataniin socho’an (fakkeenyaaf; kanneen akka GLEAN (the Global Ethiopian Advocacy Nexus) fi dhaabbata “Genocide Prevention 6 Ethiopia” fa’aa) keessatti kufuun kijibni isaanii fudhatama akka argatuuf warra hojjetaniif balbala saaquun waan hin malle.

Injifannoon Ummata Oromoo fi Saboota Cunqurfaman Hundaaf!
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Hagayya 25, 2021

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s